• Sun. Jun 4th, 2023

WBOn Kaabaa fi kaaba Lixa Shaggar godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti tarkaanfii fudhateen diina adabuun meeshaalee waraanaa irraa booji’e

May 14, 2023

ONM-ABO Caamsaa 14, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun Oromiyaa bakkoota adda addaatti diina du’aa fi madoon adabuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan kaleessa Caamsaa 13/2023  irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii giddu galeessaa kaabaa fi kaaba lixa Shaggar tarkaanfii  lixa Shaggar ona Meettaa Walqixxeetti humna diinaa sakattaa WBOf wal guuree deemaa ture cibraan Badhoo Dachaas, Magarsaa Barii fi Bakkalcha Barii qindoominaan  haxxee hidhanii rukutaniin loltoota PP 215 ol hojiin ala taasisee jira. Kana keessaa du’aan 94, madoon 71, Booji’amaan 50 yoo ta’u humna diinaa reebuf mortaara dhukaasaa turte baragsee gargar facaasee jira.


Gama meeshaatiin qaqqaaliiwwan ilmaan Oromoo WBOn
Kilaashii AKM 67
• PKM  2,
. Isnaayippera  2
•Rasaasa 6,800
• Boombii 27
• kaazeenaa 107
• hidhannoo 39
• Koddaa 66
• Jorooroo 315
• Uffata waraanaa 64
• Maallaqa 7055 dugda diinaa irraa hiikun qabsoof galii godhee jira.
Kana malees humni ittisa uummataa  oraalii magaalaa Minaaree irraa madoo guuruf fiigdu duraa goruun rukutee hojiin ala godhee jira.

   Cunqurfamaan irree isaatiin haqa dhabe argata.

Injifannoon Uummata Oromoof

Leave a Reply