ONM-ABO Caamsaa 16, 2023
Hojii finxaalessummaan bakka jiranitti gurmaa’anii baadiyaa keessatti mana Oromoo gubaa, lubbuu baasaa fi qabeenyaa saamaa kan turan humnootni badii kun gocha isaanii babal’isuun magaalaa keessattis ajjeechaa suukkaneessaa irratti bobba’uun magaalaa Adaamaa keessatti dargaggoo tokko afaan Oromoo waan dubbate qofaaf ajjeesuun barameera.
Dargaggoo Fu’aad Usmaan Sheekaa namni jedhamu, Caamsaa 14, 2023 galgala magaalaa Adaamaa naannoo addabaabaayii Juhaar irraa ka’ee gara mana Kuusaa Jimaa isaa deemaa otoo jiruu finxaaleyyoonni qottoo fi gajaraan itti marsuun cicciranii ajjeesaniiru.
Akka jiraattonni magaalaa Adaamaa irraa dubbatanitti finxaaleyyoonni Fu’aadiin ajjeesan kun gurmaa’anii kan jiran yoo ta’u, ijoollee Oromoo qofaa magaalaa keessa deemanii ajjeesuun miliquu irratti gurmaa’anii akka jiran dubbatu.
Ragaan magaalaa Adaamaa irraa arganne akka ibsutti humni finxaalessaa kun magaalaa Adaamaa keessa meeshaalee sagalee hin qabne hedduminaan seensifatanii kan jiran yoo ta’u, akkuma Fu’aad kanatti nama qofaa deemu argannaan itti marsanii ajjeesuun miliquuf karoora bal’aa waan qabaniif uummanni magaalaa Adaamaa lafti dukkanoofnaan of eeggannoon socho’uu akka qaban kan dhaaman sabboontota Oromoo magaalichaati.


