• Thu. Apr 25th, 2024

Godina baha Shaggar aanaa Dugdaa Booraa keessatti kaabinoonni bilxiginnaa miindaa barsiisotaa dhorkachuun barsiisonni miindaa isaanii osoo hin fudhatin baatiilee hedduu lakkoofsisaa jiraachuun himame

May 16, 2023

ONM-ABO Caamsaa 16, 2023

Saffisaan guddachuu fi biyyii tokko ammayyoomee qaroomina akkasumas dinagdeen sadarkaa gaarii irratti argamuuf ga’een barsiisonni ba’aatan guddaadha.

Haa ta’u malee impaayera Itoophiyaa jalatti qabiinsi barsiisotaa gadi bu’uun miindaa xiqqaa argachaa fi isa argatan irraas deggersa garaagaraa jechuun irraa kan kutan yoo ta’u, sababa kanaanis barsiisonni jireenya gadadoo fi hiyyummaaf saaxilamanii jiru.

Rakkoon barsiisota irra ga’u kun bifa geddarachuun miindaa kutuu irraa gara dhorkachuutti ce’uun Baha Shaggar aanaa Dugdaa Booraa manneen barnoota hedduu kanneen akka mana barumsaa Gamoo sadarkaa 1ffaa, Gamoo sadarkaa 2ffaa, Tuuchii Sumayyaanii fi Warabboo keessatti barsiisota hojii barsiisummaatiin tajaajilaa jiran baatii 3 oliif kaabinoonni bilxiginnaa miindaa isaanii dhorkachuun waan ittiin jiraatan dhabanii rakkachaa jiru. 

Akka barsiisonni kun jedhanitti miindaan keenya maaliif nuuf hin laattaan jennee kanaan dura gaafannus baatii Ebla darbe miindaa keessan isiniif gadi dhiisna jedhanii gowwoomsaa akka turan barsiisonni kun dubbachuun, qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee haala ulfaataa keessa jiraachuu fi hojii barsiisummaa kana dhiisnee hojii dhuunfaa keenyaa hojjennee jiraachuuf murteessinee jirra jechuun haala isaan mudatee jiru hadheeffatanii dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading