• Sun. Jun 4th, 2023

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti saamichi qabeenya namoota irratti raawwatamuu fi hidhaan jiraattota irratti hammaachuu jiraattotni dubbatu

May 16, 2023

ONM-ABO Caamsaa 16, 2023

Irra deddeebiin waraanni garee maafi’aa PP maqaa nageenya uummataa eegna jedhuun uummatatti bobbaafaman faallaa isaa namoota ajjeesuu, saamuu, qabeenya gubanii barbadeessuu fi  jumlaan mana hidhaatti guuruu irratti argamu.

Gochi badii ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffatamuun raawwachaa jiru kun lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Baamsoo iddoo addaa Maree Suuqaa jedhamutti nama Abaataa Aragguu jedhamu jalaa guyyaa dheengaddaa jechuun Caamsaa 14, 2023 mana yaalaa isaa keessaa qorichoota fi maallaqa qarshii 75,000 akkasumas buna mana jireenyaa isaa keessa jirus guutumaan guutuutti saamanii jiru jedhu jiraattootni.

Mahaammed Aliyyii nama jedhamus Waraana Bilisummaa Oromoo beekta, odeeffannoo adda adda laattaf jechuun gandichuma keessaa qabuun harka duubatti hidhanii reebicha ulfaataa irratti geggeessuun bulchinsa magaalichaatti hidhanii dararaa jirus jedhan.

Murni faashistii PP  kun guyyuma kaleessaa Caamsaa 14 magaalaa Ashuunfaa seenuudhaan saamichaa fi reebicha hamaa raawwataniiru. Obbo Taarikuu Margaa qabanii mooraa waraanaa Baamsoo kan geessan yoo ta’u, Haj Huseen Oliiqaa fi obbo Alamiin Ittaanaa irratti reebicha geggeessan. 

Kana malees magaalaa Ashunfaa keessaa doqdoqqee 7 saamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply