ONM-ABO Caamsaa 17, 2023
Hidhaa fi ajjeechaan qabsoo uummata Oromoo akka waan duubatti deebisuutti kan amanu murni bilxiginnaa, hawaasa siyaasa kam keessaayyuu quba hin qabnee fi hojjetatee of jiraachisuu irratti hidhaa, reebicha ulfaataa fii dararaa adda addaa geggeessaa jira.
Haaluma kanaan godina Arsii bahaa aanaa Muneessaa magaalaa Qancarree fi naannawaa isheetti uummata argamaniin ijoollee keessantu bosona jira jechuun namoota nagaa irratti reebicha ulfaataa fi hidhaan geggeessaa jiru.
Caamsaa 15 fi 16, 2023 waraanni faashistii PP aanaa Muneessaa naannoo magaalaa Qancarreetti kan argamtu bakka addaa Odaa Tooyaa keessatti reebicha hawaasa irratti geggeessuun namoota hedduus hidhan.
Namootni gandicha keessatti reebamuun miidhaan ulfaataa irra ga’e keessaa kan maqaa arganne Biraanuu Baldaa, Abdii Fuuroo, Obsee Waayyuu, Nabiyyuu Waas, Quufaa Shaanqoo, Bashuulaa Shugee fi Birraa Bariisoo kanneen jedhamaniidha.
Kana malees Aanaa Zuwaay Dugdaa keessattis waraanni sirnichaa dararaa hamaa ilmaan Oromoo irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

