ONM-ABO Caamsaa 17, 2023
Dachee abbaa isaanii irratti ilmaan Oromoo hojii dhuunfaa isaanii fi barnoota isaanii irraa qabamuun hidhamaa jiraachuun walqabatee, dargaggoonni hedduun barnoota isaanii addaan kutuun, impaayerattii keessatti bakkaa bakkatti baqachuun of baraaruuf carraaqanis hedduun isaanii garuu waraana sirnichaan hidhamaa jiru.
Haaluma kanaan Caamsaa 14, 2023 godina baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa magaalaa Adulaalaa keessaa dargaggoota hedduu barnootaa fi hojii dhuunfaa isaanii irraa qabuun mana hidhaatti rakkisaa jiru.
Maqaan dargaggoota qabamanii mana hidhaatti argamanii kunis, Birraa Damee, Guddataa Damee fi Mangashaa Damee obbolaa yoo ta’aan, dargaggoo maqaan isaa Fayyisaa Dabalee jedhamus kanneen maqaan isaanii nu hin qaqqabne waliin barnoota isaanii irraa qabuun mana hidhaatti darbatanii jiru.
Kana malees qonnaan bultoota baadiyyaa aanichaa irraa bittaa fi gurgurtaaf gabaa dhufan Biiftuu Abbabaa fi Fittaalaa Tufaa gabaa keessatti adamsanii qabuun hidhaanii dararaa jiraachuu jiraattotni himaniiru.

