• Sun. Jun 4th, 2023

Murni bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti dargaggoota Oromoo leenjii waraanummaaf ukkaamsaa jiraachuun barame

May 17, 2023

ONM-ABO Caamsaa 17, 2023

Murni bu’aa warraaqsa uummata Oromoo butuun bara 2018 aangootti dhufe bilxiginnaan koloneel Abiy Ahimed lola hin barbaachifnetti ilmaan sabichaa humnaan qabee gara leenjii waraanummaa kennuufiin bobbaasee lubbuu isaanii akka baalaa harcaasisaa oola.

Ilmaan Oromoo qabsoo saba isaanii ABO-WBOn geggeeffamu irratti duulchisaa, kaaba impaayerattii TPLF irratti hirmaachisaa fi maqaa Amaarri mootummaa Oromoo fonqolcuuuf jedhuun barcuma siyaasa isaanii tikfachuuf lubbuu hedduun akka dhumuuf har’as warreen dhiiga hin quufne leenjiif dargaggoota qabaa jiru.

Har’a Caamsaa 17, 2023 waaree booda bulchiinsa magaalaa gandoota adda addaa keessaa dargaggoota leenjiif humnaan ukkaamsaa jiru.

Dargaggootni humnaan qabamanii gara leenjii waraanummaa bilxiginnaa fudhachuu dheessuun gara magaalaa naannoo isaaniitti seenaa jiru.

Murni nagaa hin feene bilxiginnaan humna isaa jabeeffatee bifa haaraan duguggaa sanyii raawwachuuf dargaggoota Oromoo humnaan qabaa waan jiruu, isa Buraayyuutti erga eegalan bor bakkoota birootti waan itti fufaniif qeerrowwan Oromoo faashistoota bilxiginnaa irraa akka of eegan kan dhaaman sabboontota magaalaa Buraayyuu ti.

Leave a Reply