ONM-ABO Caamsaa 20, 2023
Bilxiginnaan abdii kutannaa keessa seenuun Uummata Oromoo bal’aa irratti gocha hamaa raawwataa jiru kan yeroo kamii caalaa jabeessuun, bakkeewwan WBOn keessa socho’a jedhee shakku maratti waraana isaa bobbaasuun namoota nagaa reebuu, jumulaan hidhuu fi ajjeechaa dhala namaaf hin malle raawwataa jira.
Haaluma kanaan Godina Arsii baha aanaa Muneessaa Magaalaa Qancarree fi Naannawwaa isheetti Ilmaan Oromoo hedduu hidhuu fi reebuun dararaa agarsiisa jiru.
Keessattuu maatii qabsaa’otaa maqaa ijoollee fi obbolaa keessantu miseensa waraana bilisummaa Oromooti jedhuun doorsisuu fi hacuuccaa guddaa irraan ga’uun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa bakka birootti godaansisaa jiraachuu jiraattotni himu.
Aanaa Muneessaa magaalaa Qancarree ganda Odaa Tooyaa jedhamu keessaa namoonni nagaan miidhaan waraana sirnichaan irra ga’aa jiru; Birhaanuu Baldaa, Abdii Furoo, Obsee Waayyuu, Nabiyyuu waaree, Qufaa Shaanqoo, Bashulaa Shugee fi Birraa kan jedhaman ta’uu jiraattotni Arraata biyyoolessa Oromiyaatiif himaniiru.


