• Sun. Jun 4th, 2023

Godina Matakkal aanaa Bulan keessatti hidhattootni naannoo Beenishaangul Gumuz fi waraanni bilxginnaa waliin ta’uun uummata Oromoo naannichaa irratti saamicha geggeessan

May 20, 2023

ONM-ABO Caamsaa 20, 2023

Naannoon Beenishangul-Gumuz naannolee Oromiyaa daangessan keessaa tokko yoo taatu, yeroo gara yerootti hidhattootni naannichaa  murna bilxginnaan Tumsamuun uummata Oromoo qarqara daangaa naannichaa jiraatan irratti ajjeechaa, buqqaatii, saamichaa fi manneen gubanii barbadeessuun jireenya ilmaan Oromoo gaddaa fi gadadoof saaxilaa jira.

Hidhattootni naannoo Beenishaangul Gumuz fi waraanni sirnichaa wal tumsuun dheengadda Caamsaa 18, 2023 godina Matakkal aanaa Bulan ganda goongoo bakka addaa jilaayee jedhamutti loon 47 ol uummata Oromoo jala ooffachuun, saamicha geggeessuun, qabeenya hedduu mancaasanii demaan.

Gochi uummata Oromoo daangaa naannoo Beenishaangul Gumuz jiraatan irratti raawwatamaa jiru kun irra deddeebiin gara laafina tokko malee tumsaa fi deggersa sirnichaatiin geggeeffamaa waan jiruuf, uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiraatan birmannaa nuuf taasisuu qabu kan jedhan jiraattota aanaa Bulan.

Leave a Reply