ONM-ABO Caamsaa 20, 2023
Impaayera diigame deebisee uummata Oromoo irratti ijaaruuf, murni ilmaan Oromoo aarsaa kaffalchiisaa Oromoon Oromoo cabsaa har’a ga’e biltsiginnaan, ilmaan Minilik bartee abboota isaanii seenaa godhachuun masaraa Impaayerichaa jajjabeessuuf ilmaan Oromoo hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa daangaa darbee dargaggootaa fi Jaarsoolii osoo hin jenne namoota cufa irratti jabeessuun hiraarsaa jiru.
Haaluma kanaan torban kana keessa ilmaan Oromoo hedduu jumlaan sassaabuun lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Shukutee fi gandoota baadiyyaa irraa namoota nagaa qabuun mana hidhaa keessatti dararaa kan jiran yoo ta’u, namoonni hidhamanii daraarama jiran kunneen Caalaa Itichaa, Badhaadhaa Qabbannee, Fayyisaa Xaafaa, Yaaloo Solomoon, Bokii Tuujjoo, Baqqalaa Birruu fi Badhoo Dabalaa kan jedhamani fi hojjettootni Mana yaalaa Takkaa Qaabataa fi Taayyee Biraanuu jedhamanis murna PPn hidhamanii hiraarfama jiraachuu maddeen himan.
Oduu Wal fakkaatuun lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal Qixxee ganda lumaa xaaxessaatti Caamsaa 17, 2023 maanguddoota Abarraa Haayilee fi Tolasaa jedhaman waraanni shororkeessaan Abiy Ahmed ajjeesuu jiraattotni himan.
Murni abbaa irree Kun kallattii tokkoon irra deddeebiyee Miidiyaatti ba’uun nuti nagaa barbaanna jechaa, kallattii biraan ammoo waraana hedduuminaan Oromiyaa kutaalee garaagaraatti bobbaasuun uummata Oromoo nagaa fi tasgabbii dhorkachuun Hiraarsuu kan itti fufe yoo ta’u, meeshaalee waraana gurguddoo fayyadamuunis qabeenya mancaasaa, lubbuu namoota nagaas balleessaa akka jiru maddeen himan.


