ONM-ABO Caamsaa 22, 2023
Mooraan waraana raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa kan yeroo kamuu caalaa diigamuun, miseensonni waraana sirnichaa sabaan Oromoo ta’aan hacuccaa fi sarbiinsa mirgaa namoomaa murnichi uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru balaaleffachuun, guyyaa gara guyyaatti meeshaa fi hidhannoo isaanii fudhatanii waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuu akkuma itti fufanitti jiru.
Godina Arsii bahaa aanaa Martii irraa kaleessa Caamsaa 21, 2023 waraanni raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa tokko mooraa sirnichaa keessaa miliquun gooticha waraana bilisummaa Oromootti dabalamuun simannaa ho’aan taasifameeraaf.
Miseensi waraana raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa Kun qawwee Turkii 1, rasaasa 150, boombii harkaa 1 fi hidhannoo tokko galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo godhee Jira.
Yeroo hojii loltummaatiin sirnicha tajaajilaa turetti dirqama itti kenname wallaalees ta’e osoo beekuu gocha dabaa fi dararrii uummata Oromoo irratti geggeesseef uummata Oromoo bal’aa dhiifama gaafachuun, kana booda humnaa fi dandeettii qabuun qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti akka hirmaatu waadaa seeneera.
