• Sun. May 28th, 2023

Godina baha Shaggar aanaa Lumee keessatti saamichaa fi hidhaa dabalatee dararaan madaallii hin qabne jiraattota irratti jabaate Jira

May 23, 2023

ONM-ABO Caamsaa 23, 2023

Aanota godina baha Shaggar keessatti waraannii fi kaabinoonni bilxiginnaa bakkeewwan hedduutti bobba’uun namoota nagaa irratti hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dararrii daran ulfaataa ta’e raawwachuu itti fufanii jiru.

Godina baha Shaggar aanaa Lumee magaalaa mojoo keessaa caasaan nageenyaa sirnichaa namoota Baajaajii fi mootor saayikiliin hawaasa deddeebisanii  jiruu fi jireenya dhuunfaa Isaanii geggeeffatan qabuun, reebaa erga turaniin booda qabeenya Isaanii Baajaajii fi mootor saayikilii Isaanii dabalatee jalaa dhuunfachuun, isaaniin ammoo hidhanii halkanii fi guyyaa dararaa jiraachuu jiraattotni himan.

Namoonni hidhaman Kun badii qabaatanii osoo hin taane Baajaajii fi mootor saayikilii keessaniin waraana bilisummaa Oromoo deddeebiftuu fi isaantu ittiin socho’a jedhanii shakkuun, namoota Solomoonii fi Raggaasaa jedhaman dabalatee, Namoota 32 ol ta’aan qabuun mana hidhaatti rakkisaa jirus jedhan.

Aanaa Lumee magaalaa mojoo kana keessatti sochii geejjibaa dabalatee sochiin kamiyyuu sa’a 12:00 darbee akka hin jirree fi sa’aatii jedhame kana booda namoota daandii irratti argan reebaa fi mana hidhaatti geessaas akka jiran jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply