• Fri. Apr 26th, 2024

Loltoonni impaayera itoophiyaa sagal  godina Gujii lixaa fi godina Booranaa aanota garaagaraa irraa gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan

May 27, 2023

ONM-ABO Caamsaa 27, 2023

Lola Kaaba impaayerattii fi Oromiyaa keessatti geggeeffamaa tureen, gaagaa’amnii fi diigumsi guddaan dhaabbata mooraa waraana bilxiginnaa irra Kan ga’e yoo ta’u, waraanni sirnichaa deebisee of ijaaruu dadhabuu fi murnicha irraa abdii kutuun guyyaa irraa gara guyyaatti meeshaa fi hidhannoo Isaanii fudhachuun waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan godina Gujii lixaa aanaa Galaanaa ganda Boorree irraa miseensotni waraana raayyaa ittisa impaayerattii lama meeshaa fi hidhannoo isaanii fudhachuun waraana bilisummaa Oromootti makamanii jiru.

Godinuma Gujii lixaa aanaa Sabbaa Boruu irraas loltoonni bilxiginnaa 4 gooticha waraana Bilisummaa oromootti harka kennachuun simannaa ho’aan taasifameefii Jira.

Hacuuccaa fi cunqursaa uummata Oromoo irratti raawwatamu balaaleffachuun waraanni sirnichaa sabaan Oromoo ta’aan, sirnicha ganuu itti fufuun, godina Booranaa aanaa Areeroo Irraa miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii 3 mooraa sirnichaa keessaa miliquun gara qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamanii jiru.

Walumaa galatti miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii, godina Gujii lixaa fi Godina Booranaa aanota garaagaraa irraa harka kennatan kunneen qawwee 9, rasaasa 1350 boombii harkaa 17 fi hidhannoo 9 mooraa qabsoo bilisummaa oromoof galii kan taasisan yoo ta’u, kana booda humnaa fi dandeettii qabaniin lubbuu ofii osoo hin qusatin hanga wareegamaatti qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa akka qooda fudhatanis waadaa seenanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading