ONM-ABO Caamsaa 29, 2023
Dirree siyaasaa babaldhisnaa fi maqaa nageenyaa waaressina jedhuun afaaniin soba kan afarsan fashistiin Abiy Ahimad bu’aa wareegama qeerroo fi qarree Oromoon injifannoo argame butuun gara aangoo kan dhufe, saba akka gaanfa Afrikaatti guddaa ta’e gaaffii uummata Oromoof dursa kennuu dadhabuun duula waraanaa jabaa irratti geggeessuun ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi qe’ee irraa buqqisuun yakkoota waraanaa jajjaboo ta’an Oromiyaa keessatti raawwataa jira.
Caamsaa 26, 2023 godina lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Alaltuutti nama obbo Muhammad Gurmeessaa jedhamuu fi ganda Buukee Gooriitti ammoo Daggafaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatan.
Namoonni waraana bilxginnaan ajjeeffaman kun namoota siyaasa kamirrraa walaba ta’anii fi hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti kan xiyyeeffatan ta’uu maddeen himuun, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuu, odeeffannoo kennituu fi ni nyaachiistu jedhuun sobaan yakkamanii waraana goleessaa Abiy Ahimediin gara laafina tokko malee ajjeeffamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

