• Mon. Jun 15th, 2026

Godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo fi Heexoosaa keessatti sirni faashistii impaayera itoophiyaa maatii qabsaa’otaa dararaa jiraachuu maddeen gabaasan   

May 30, 2023

ONM-ABO Caamsaa 30, 2023

Sadarkaa idila addunyaatti ilmi namaa umurii daa’imummaa darbuun, jiruu ga’eessuummaa keessatti rakkoo fi dhibdee uume hundumaaf gaafatama mataa isaa kan fudhatu yoo ta’u, sadarkaa siyaasaattis dhaabaaf dhaaba, waraanaaf waraana akkasumas qaamni wal gitu cufti gita danda’een cabsee walirra aanuun wal abboomuun amala siyaasaa addunyaa irratti beekamu ta’ullee, biltsiginnaan gatii ilmaa abbaa gaafachuuf maqaa ilmi keessantu miseensa WBOdha jedhuun maatii qabsaa’otaa dararaa jiru.

Haaluma kanaanis, godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo ganda Dhankaakaa Qonichaa keessatti maatii fi firoottan Jaal Gootomsaa, namoota aaddee Shamballii Eebbisoo, aaddee Sukkaaree Eebbisoo, Qaasim Eebbisoo, Magarsaa Dassuu, Amaan Dassuu, Gannaa Dassuu, Abdurazaaq Magarsaa fi Barsiisaa Jamaal Sheekaa jedhaman sassaabanii kan hidhan yoo ta’u, hidhaan maatii qabsaa’otaa irratti aanichuma ganda Burqaa Cilaaloo keessatti itti fufuun namootni Bayyanaa Waariyoo, Shaalloo Waariyoo, Boonsaa Biiftuu, Juullaa Biiftuu, Sulxaan Qaasim, Abdurhamaan Qaasim fi Saadam Huseen jedhamanis sababa maatii qabsa’aa ta’aaniif qofa magaalaa Asallaa keessatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen himan.

Hiraarsi maatii qabsaa’otaa irratti taasifamaa jiru itti fufuun aanaa Heexoosaa keessattis maatiin Jaal Yaaddessaa Diinaa Haadhaa fi Obboleeyyan akkasumas aanteen isaa hedduun caamsaa 27, 2023 waraana PPn sassaabamuun magaalaa Etayyaa keessatti dararamaa jiraachuun beekame.



Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading