ONM-ABO Caamsaa 30, 2023
Lola kallattii garaagaraan impaayerattii irratti geggeeffamaa jiruun raafama hamtuu keessa galuun, impaayerattiin qarree kufaatii irra kan geessee jirtu yoo ta’u, biltsiginnaan finxaalessitoota dirree waraanaatti dadhabe, uummata harka duwwaa hoomaa of harkaa hin qabneen hiriira baatanii finxaaleyyii balaaleffachuu qabdu jechuun rakkisaa jira.
Haaluma kanaan Godina Harargee Bahaa Aanaa Kurfaa Callee ganda adubaatee keessatti waraanaa fi milishoota bobbaasuun hiriira mormii finxaaleeyyii ba’aa jechuun halkaan mana namoota irra deemanii dirqiin guuraa jiru.
Kana malees namoota didan maqaa isaanii galmeessuun qabuun mana hidhaatti galcha jiru.
Milishoonni ergama bulchiinsa sirna nama nyaataa kanaa fudhachuun uummata dararaa jiran Yaayyaa Ziyaad, Jamaal Siraacoo, fi Bayyan Amad Maammudi ta’uu jiraattotni himan.
Itti dabaluun jiraattotni kun kanaan dura humnaan Wal ga’ii nu baasuun WBO balaaleffadhaa jedhanii hojii keenyarraa nu ugguruun bakkee keessa nu teessisaa turan jechuun, amma immoo bifa jijjiirrachuun hiriira mormii finxaaleyyii ba’aa jedhanii nu dararuun Kun impaayerattiin gara kufaatiitti saffisaan deemaa jiraachuu akka agarsiisu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.

