ONM-ABO Caamsaa 30, 2023
Jaarmiyaan ABO-WBO ogeessota fayyaa Ogummaa fayyaa barachuutiin waraanichas ta’e hawaasa keessa socho’an yaalan barsiisee bobbaasuun kan beekamu, bara kanas Zoonii Kibbaatti Caamsaa 27, 2023 eebbisiisee jira.
Fayyaan waan hunda dursa kan jedhan Itti aanaan Ajajaa Ol aanaa ABO-WBO, jaal Gammachuu Abbooyyee, eebbifamtootaan baga guyyaa kana geessanii dirqama dachaa ofitti fudhattanis jedhanii jiru. Qabsoo Waraanni Bilisummaa Oromoo waggoota dheeraaf gaggeessaa ture keessatti Seekterri fayyaa qooda guddaa qabaataa as ga’e kan jedhan Jaal Gammachuun, guyyaa har’aa hidhannoo keessan biratti ba’aa dabalachuuf eebbifamaa jirtu, ba’aa qorichaa ofitti dabaluun irbuu seenaa jirtu waan ta’eef, ogummaan fayyaa obsa guddaa barbaaddis jedhaniiru.
Eebbifamtoonnis gama isaaniitiin carraa barnootaa kana argachuu isaaniitti gammaduun, aarsaa qabsoon nurraa barbaaddu hanga wareegamaa ykn bilisummaatti ni baasna, jechuun yaada isaanii dabarfatanii jiru.
Haasawaa Jaal Gammachuun Sirna Eebbaa kana irratti taasisan guutummaa isaa Sagantaa biroon qabannee isiniif dhiyaanna.











