ONM-ABO Caamsaa 30, 2023
Tarsiimoo fi hojimaata akka dhaabatti qaban galmaan ga’aachuuf, jiruuf jireenya hawaasaa madaallii keessa kan hin galchine sirni bilstiginnaa, rakkoolee impaayerattii keessa jiran mara dhaluun, hardha hiraarsi uummatni kallattii dinagdee fi waraana sirnichaatiin arguutti jiru dachaan dabalaa jira.
Haaluma kanaanis, Godina Arsii bahaa aanaa Martii ganda Waataroo Dinoo bakka araddaa Gobbaa jedhamuun beekamu keessatti caamsaa 28, 2023 waraanni maqaa sakatta’aa WBO jedhuun gandichatti bobbaafame Shamarree ganna Sagalii maqaan ishii Irkoo Xahaa jedhamtu humnaan gudeeduun miidhaa ulfaataa irraan ga’uun beekame.
Gochi kun guyyaa keessaa sa’aatii 6 irratti kan raawwatame hoggaa ta’u, gandootni aanicha keessatti argaman cuftis waraana PP, WBO barbaanna jedhee bobba’ee jiruun dhiphina keessa kan jiraniifi Gudeeddii, saamicha, hidhaa fi ajjeechaa dabalatee gochootni cubbuu loltoota sirnichaatiin haalaan raawwatamaa jiraachuun gabaafame.


