ONM-ABO Caamsaa 31, 2023
Qabsoon bilisummaa Oromoo rakkoo fi haalota akkaan jajjaboo tarkaanfachuun, akka biiftuu hanga’ee golee Oromiyaa cufa keessatti yeroo kamillee caalaa mullachaa kan jiru yoo ta’u, qabsoon bilisummaa Oromoos guddina kallattii hundaa gonfachuun, dhukaasa WBOn mooraalee diinaa ittiin buqqisaa jiruun cinatti, tarkaanfii waraanaa, injifannoolee akkasumas rakkoo fi hiraarsi hawaasni Oromoo qaama qabsichaa ta’uun argaa jiru saaxiluuf, miidiyaa jabaa qabsicha gituun degeramee,egeree Oromiyaaf abdachiisaa ta’ee Jira.
Qabsoon gita hundaan gaggeeffamaa jiru, egeree bittaa kolonii isaaniif yaaddeessa ta’uu kan hubatan, gurmuun gabroomfattootaa maqaa moggaafachuun ilaalcha sirnummaa ofiif qaban, hidda qabsichaa lafa keessatti kutanii abdii bilisummaa abdatame gogsuuf, wiirtuu dugdaa qabsichaa uummata Oromoo maqaa fi barjaalee garaa garaa itti dhoobuun hiraarsuu kan tibbaa kamii caalaa hammeessan.
Haaluma kanaanis, Baha Oromiyaa godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Makkanniisaa fi Jaalalaa keessatti Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf Odeessa laattu jechuun murni biltsiginnaa uummata hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, ilaalcha namoota bilbila guddaa qabantu odeessa ergaa jira jedhuun, bilbila namoota hedduus sassaabaa jiraachuun walqabatee, jiraattotni yaaddoo dararaa kanaaf jecha odeessa qaamaan walitti dabarsaa jiraachuun gabaafame.

