• Tue. Nov 24th, 2026

Kaabinoonni bilxiginnaa godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa fi Cawwaaqaa keessatti Xaa’oo qonnaan bultoota dhorkachuun dhoksaan gurgurachaa jiraachuu jiraattotni komatan

Jun 6, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2023

Xaa’oon gatii madaalawwaa ta’een qonnaan bultootaaf dhiyaachuu dadhabuu fi kaabinoonni murnichaa Xaa’oo qonnaan bultootaaf dhiyaatu dhorkachuun dhoksaan gurgurachaa waan jiraniif Oromiyaa keessatti lafti tajaajila qonnaaf oolu hedduun sababa kanaan hojii qonnaan ala ta’ee oomishni kuduraa – fuduraa fi miidhaan nyaataa gadi bu’uun qonnaan bultootni yaaddoo keessa akka jiran dubbatu.

Irra jireessi uummata Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiraatan hojii qonnaa irratti bobba’uun Kan jiraatan yoo ta’u, impaayera Itoophiyaa keessatti gatiin Xaa’oo Kan bara darbeerra Kan bara kanaa harka sadiin dabaluu fi Xaa’oo uummataaf dhiyaatu dhoksaan kaabinoonni gurgurachuun dantaa dhuunfaa isaaniif oolfatanii itti fayyadamaa jiru.

Bifuma kanaan godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa fi Cawwaaqaa keessatti kaabinoonni bilxiginnaa Xaa’oo qonnaan bultootaaf dhiyaatu mana kuusaa keessa dhoksanii kaa’uun achii baasanii abbootii qabeenyaatti kennuun gatii ol ka’aadhaan gurguruun uummata saamaa akka jiran jiraattotni himan.

Abbootii qabeenyaa xaa’oon Kun itti kennamuun akka gurguran taasifamee jiru keessaa tokko Obbo Yaasuuf Abdii nama jedhamuudha, kanaan dura gatiin xaa’oo kuntaalli tokko qarshii 1500 Kan ture amma dachaa sadii oliin dabaluun qarshii 6000 hanga 8000tti gurguramaa jiraachuu fi qonnaan bultootnis qaala’iinsa jireenyaan Wal qabatee bitachuu akka dadhaban Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffatee Jira.

Leave a Reply