ONM-ABO Waxabajji 10, 2023
Ilmaan Oromoo dantaan gowwomfamuu fi humnaan ukkaamfamuun Hojii loltummaatiin sirnicha akka tajaajilaniif leenjii waraanummaa fudhachuun bobba’aan, hacuuccaa fi garbummaa uummata Oromoo irra jiru balaaleffachuun guyyaa gara guyyaatti mooraa sirnichaa keessaa miliquun baduu fi gariin ammoo murnichumaan ajjeefamuu fi hidhamaa jiraachuutu himama.
Haaluma kanaan godina kaaba Shaggar aanaa Giraar Jaarsoo ganda Shaambal Aabboo keessatti Waxabajji 7, 2023 miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 14 mooraa waraanaa godina addaa naannawwaa Finfinnee bulchiinsa Sulultaa irraa meeshaa fi hidhannoo isaanii fudhatanii mooraa sirnichaaa keessaa miliqanii badanii jiran qabamuun, loltuun tokko dararaa fi miidhaa irratti geggeeffameen yoo ajjeeffamu, 13 ammoo gara bulchiinsa magaalaa Fiicheetti hidhamanii jiraachuu odeessi keessoo isaaniitii ba’u ni mul’isa.
Miseensonni Waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa kun sabaan Oromoo yoo ta’an, rakkinaa fi kabaja dhabuu uummata Oromoo jibbuun meeshaa fi hidhannoo isaanii fudhatanii gara obbolaa isaanii WBOtti makamuuf osoo imala irra jiranii saaxilamuu isaanii keessa beektotni dubbatu.
Haa ta’u malee ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban kan hojii loltummaa fi ogummaa biraatiin sirnicha tajaajilaa jiran dabalatee bakkeewwan biroo keessatti Oromoo waan ta’an qofaaf hidhamuu fi ajjeeffamaa jiraachuun ni beekama.




