• Wed. Nov 25th, 2026

Aanota Godina lixa Harargee keessatti saamichi waraana bilxiginnaan geggeeffamu jabaatee itti fufee jira

Jun 10, 2023

ONM-ABO Waxabajji 10, 2023

Kisaaraa diinagdee isa mudatee jiru jalaa dandamachuu fi waraana isaa impaayerattii akka tiksaniif bobbaaseef miindaa waan kaffalu dhabuu irraa Kan ka’e waraanni sirnichaa halkanii fi guyyaa utuu hin jedhin meeshaa waraanaa baatanii uummata saamaa jiru.

Haaluma kanaan godina lixa Harargee aanaa Daaroo Labuu, Gammachiis, Habroo, Bookee fi kanneen biroo keessatti Waraanni bilxiginnaa qubsiifamanii jiran uummata qaala’iinsa jireenyaan miidhamee jiru saamuu fi doorsisuu irra darbee hidhaa jiraachuu jiraattotni himan.

Aanota godina  lixa Harargee hedduu  keessatti waraanni sirnichaa daandii irra dhaabbachuun bilbiloota harkaa fi maallaqa saamaa jiru. Keessattuu bakkeewwan tokko tokko keessatti dukkaana da’oo godhachuun halkan mana irra deemanii maallaqa 2000 hanga 5000 saamaa jiraachuu jiraattotni rakkoon kun irra ga’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply