• Thu. Nov 26th, 2026

Arsii lixaa aanaa Heeban Arsii keessatti miseensa waraana impaayerattii 1 fi miseensota maatii tokkoo keessaa namni 3 loltoota sirnichaan ajjeefamuun himam

Jun 12, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2023

Waxabajji 9, 2023 miseensi waraana raayyaa ittisa impaayerattii sirnicha ganuun mooraa waraana PP kan aanaa Heeban Arsii magaalaa Meexxii keessatti argamu keessaa miliquun baqachaa ture tokko, lubbuu isaa baraarfachuuf mana nama dhuunfaa aanaa Heeban Arsii Ganda Sabaroo Rogichaa keessatti argamu tokko dhokatee buluuf tibba seenee jirutti, loltootni impaayerattii faana dhahuun mana inni keessa jirutti seenuun isaa fi miseensota maatichaa keessaa nama sadii dabalatee walumaa galatti namoota 4 ajjeessuu jiraattotni dubbatan.

Abbaan maatii waraana sirnichaan ajjeefame kun nama Hajii Hamdinoo jedhamu yoo ta’u, haadhi manaa isaa aadde Shommaa Qabatoo jedhamtuu fi Shamarreen maqaan ishii ammaaf adda hin baane kan miseensa maatichaa taate tokko waraana raayyaa ittisa impaayerattiin lubbuun darbuu Jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti gabaasan.

Ajjeechaa maatii nagaa kana irratti raawwatameen alattis Shamarri biraa maqaan ishee hin dubbatamne tokkos rasaasaan rukutamtee madaa’uun hospitaalatti yaalamaa kan jirtu ta’uu kan himan jiraattotni, kallattii biraatiin ammoo kaadirootni aanichaa fi milishoonni gandittii waraana Bilisummaa Oromootu gocha ciiggasisaa kana maaticha irratti raawwate jechuun uummata afaan faajjessaa jiraachuu illee addeessan.

Leave a Reply