• Thu. Nov 26th, 2026

Waraanni Bilisummaa Oromoo Cibraan jaal Nadhii Gammadaa miseensota waraana raayyaa ittisa impaayerattii sadii kan mooraa bilxiginnaa ganuun harka itti kennatan simate

Jun 12, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2023

Humna waraanaa guddaa fi meeshaalee waraanaa jajjaboo walitti qabuun, impaayera itoophiyaa jedhamtu ijaaruuf sochiirra kan jiru Sirni Bilxiginnaa, tarsiimoo jaarraa har’aa kana waliin hin deemnetti dhimma ba’uuf dargaggoota humnaan sassaabee adda waraanaatti guuraa kan jiru ta’ullee, tarkaanfii itti jirutti milkaa’uu dhabuun guyyaa irraa gara guyyaatti miseensota waraanaa fi meeshaalee ammayyaa kuufate dhabaa kan jiru ta’uun ifaadha.

Haaluma kanaanis mooraa waraana PP Godina Arsii bahaa aanaa Heexoosaa keessaa miseensotni waraanaa sadii mooraa murnichaa keessaa miliquun sirnicha gananii  kaleessa jechuun Waxabajjii 11, 2023 waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun beekame.

Miseensotni waraana raayyaa ittisa impaayerattii kunneen Meeshaa waraanaa hidhannoo sadii, qawwee  Turkii 2, qawwee  dachaatuu 1, Gumbii 5, Boombii harkaa 2 fi rasaasa 430 waliin miliquun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo ittiin tumsaniiru.

Dhuma irrattis humnaa fi daandeettii qabaniin lubbuu isaanii osoo hin quusatin qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti akka hirmaatanis waadaa seenaniiru.

Leave a Reply