• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullallee keessatti waraanni murna pp namoota nagaa jumulaan hidhuun dhaga’aame

Jun 13, 2023

ONM-ABO Waxabajji 13, 2023

Murni dhala namaaf naasuu hin qabne ilmaan Oromoo irrattii gochoota gara jabeenyaa raawwachuu erga eegalee Kan bubbule yoo ta’u, ilmaan Oromoo enyummaa Isaanii qofaaf sirna kolonii Impaayera Itoophiyaa keessatti dararaa ulfaataa keessumeessaa jiru.

Sabni akka gaanfa Afrikaatti guddaan, aadaa, afaan fi seenaa bal’aa qabu uummanni Oromoo  dachee abbaa isaatii Oromiyaa irratti kabaja dhabuun, mirgi lubbuun jiraachuu fi nagaan ba’ee galuu dhabee jireenya jiraachuuf yaaddoo namatti ta’u keessa jira.

Badii waraanni PP godina kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Alii Dheeraa keessatti raawwataniin, miseensota Maatii garaagaraa mana tokko keessaa abbaa fi haadha hidhuun daa’imni abbaa fi haadha Isaanii dhabuun akkasumas Akka loon tiksee dhabdee bakkeetti facaa’aanii bineensaan nyaatamuu jiraattotni himan.

Haaluma kanaan waxabajji 7, 2023 namoota maqaan isaanii Girmaa kidaanee, Tasfaayee Addunyaa, Ibsaa Taakkalaa, Baay’isaa Guutaa, Adaanaa Tasfaayee, Addisuu Abbii, Biraanuu Lammaa, Abbabaa Damisee, Shukkaaree Addunyaa, Mangistuu Lammaa, shifarraa Tolchaa, Tasfaayee Taaddasaa, Amaasaa Takuu, Faanoos Haayiluu, Faanoos Nugusee fi Alamuu Gursaa namootni jedhaman Waraana murna biltsigginnaan qabamaanii hidhamuun, daa’imni namoota hidhamanii fi loon Isaanii bifa nama gaddisiisuun bakkeetti hafanii bineensaan nyaatamuu fi manni duwwaatti hafee qe’ee fi qabeenyi Isaanii manca’ee Jiraachuu jiraattoota dhimma kana irratti  Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise miira gaddaan guutamuun himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading