ONM-ABO Waxabajji 17, 2023
Caasaan kaabinootaa fi tiksitoota murna bilxginnaa sadarkaa gadii irraa kaasee hanga sadarkaa oliitti jiran karoorrii fi tarsiimoon ittiin impaayerattii ijaaran harkaa diigamuun, wal shakkii fi ilaalcha garaagaraa walitti maxxansuu mana hidhaatti wal guuruu fi keessoo isaaniitti wal falmii guddaan dhalatee jira.
Bifuma kanaan godina baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti kaabinoonni bilxiginnaa caasaa isaanii sadarkaa ganda irraa kaasee hanga aanaatti diigamee jiru keessatti, uummanni Oromoo bakka caasaa mataa isaanii gadi dhaabbachuun nageenya naannoo isaatii waraana bilisummaa Oromoo walin ta’ee tikfachaa jirutti, kaabinoonni humna waraanaa gargaaramnee gandoota aanaa Dugdaa jala jiran hundumaa keessatti caasaa keenya deebisnee ijaaruun gadi dhaabna jechuun yaadotni yoo dhiyaatan mormii fi wal falmii guddaan gidduu isaaniitti uumamuun kaabinoonni aanichaa mana hidhaatti wal darbachaa jiraachuun barameera.
Kaabinoonni aanichaa gara gandoota baadiyyaa caasaan keenya keessaa diigameetti deemnee ijaaruu hin dandeenyu jechuun mormii kaasuunii fi sodaa WBO akka qaban dubbachuun wal dura waan dhaabbataniif namootni shakkamanii hidhaman keessaa, obbo Leencoo Boobbee itti gaafatamaa waajjira bishaan aanaa Dugdaa, obbo Badhaadhaa Cimdii itti gaafatamaa milishaa fi obbo Lammachaa Bantii itti gaafatamaa waajjira hawaasummaa yoo ta’an, kabinoonni kun harkuma waliin nyaachaa turaniin mana hidhaa keessatti doorsifamuu fi dararaa hamaan irra ga’aa jiraachuu maddeen himan.
kana malees kaabinoota sabboonummaa fi quuqama Oromummaa qaban doorsisuu fi maqaa garaagaraa itti maxxansuu irraa kan ka’e, wal gaarreffannaa fi dhibdeen caasaa bilxiginnaa aanicha keessa jiru babal’achaa deemuun bilxiginnaan raafama hamaa keessa jiraachuu odeessi keessoo isaaniitii ba’u ni addeessa.


