• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Booranaa aanaa Moyaalee keessatti PPn konkolaataan daa’ima rukkuttee deemuun uummanni daandii Moyaalee-Finfinnee wal quunnamsiisu cufe

Jun 17, 2023

ONM-ABO Waxabajji 17, 2023

Sirni ergama impaayeraa tiksuu malee fayyaa fi faayidaa uummataaf dursa hin kennine bilxiginnaan godina Booranaa keessatti konkolaataan  daa’ima namaa rukutanii deemuun uummanni bulchiinsa bakka sanaatti iyyatus caasaan sirnichaa birmachuufii waan dideef  uummanni mufachuun daandii guddicha Moyaalee – Finfinnee wal quunnamsiisu cufee ture.

Kaleessa Waxabajji 16, 2023 aanaa Moyyaalee ganda Biiqqaa ollaa Liiban Huqqaatti konkolaataan PP aanaa Moyyaalee keessatti daa’ima  Didoo Mallichaa rukutee deemuun uummata mufachiiseera.

Daa’imni konkolaataa PPn rukkutames  du’aa fi jireenya gidduu kan jiru yoo ta’u, battaluma sanatti uummanni bulchiinsa bakka sanaatti himus, qaamonni bulchiinsa uummataaf deebii kennuu diduun dallansuu uumameen uummanni daandii cufuu maddeen keenya gabaasanii jiru.

Haaluma kanaan uummatichi fincilee daandii cufuun daandiin guddichi Moyyaalee fi Finfinnee wal quunnamsiisu cufuun ganamaa hanga galgalaatti sochiin konkolaataa dhaabbatee oolee jira.

Dabballoonni PP fi Poolisoonni sirnichaa lubbuu namaa akka baraaraniif waamamanii dhufuu didan sababa karaan cufameef bifa jaarsummaan uummata kadhachaa turuu maddeen keenya Moyyaalee irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply