• Tue. Nov 24th, 2026

Miseensotni Waraana bilxiginnaa 24 lixa Oromiyaa godinaalee garaagaraa keessatti WBOtti harka kennatan

Jun 17, 2023

ONM-ABO Waxabajji 17, 2023

Miseensotni waraana bilxiginnaa Oromiyaa keessatti dirqama fudhatanii bobba’aanii jiran kaayyoo murni bilxiginnaa maqaa duula WBO balleessina jedhuun uummata Oromoo ajjeesaa fi qabeenya isaa barbadeessaa jiru mormuun qawwee fi hidhannoo isaanii qabachuun WBOtti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haala kanaanis torbeedhuma kana keessa mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaax irraa loltootni Abiy Ahimed 2 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti kan makaman yoo ta’u, baha  Wallaggaa loltootni 3 hidhannoo guutuun WBOtti makamanii jiru.

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu irraa loltootni PP 2 akkasumas aanaa Qondaalaa irraa loltootni sadii torbee kana keessa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Waraanni faashistii PP sabaan Oromoo ta’an mooraa sirna Oromummaa balfu bilxiginnaa ganuun WBOtti makamuu itti fufuun torbeedhuma kana keessa godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Burii irraa loltoota 5 fi aanuma Gidaamii magaalaa Qellem irraa 6 qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti kan makaman yoo ta’u, aanaa Yamaaloogii Walal  irraas loltootni 3 sirnicha ganuun gara qabsoo saba isaaniitti deebi’anii jiru.

Loltootni bilxiginnaa duraanii kun erga gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira ga’aanii simannaa taasifameefitti gammaduun ilmaan Oromoo Abiy Ahimediin aangoo irratti tiksuuf bu’aa tokko malee lubbuu dhabaa jiran, daandii badiisaa irraa deebi’uun qawwee fi hidhannoo mooraa diinaa keessaa baasuun WBOtti akka makaman dhaamaniiru.

Leave a Reply