• Tue. Nov 24th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti qaala’iinsi jireenyaa  namoota dararuu itti fufe

Jun 20, 2023

ONM-ABO Waxabajji 20, 2023

Murni bilxiginnaa impaayerattii keessatti uummatni guyyaatti sadii nyaatee akka buluu fi dhiyeessiin gabaa irra baay’atee hawaasni salphaatti akka itti tajaajilamu osoo hin godhin qamadii alatti fe’u, hawaasa qaala’iinsa jireenyaan waadamaa jiruuf fala ta’uu hin dandeenye.

Qaala’iinsi jireenyaa kun magaalaa Finfinnee keessatti hammaatee akka jiru kan nuuf himan maddeen, magaalicha keessatti wantoota  warshaa keessatti oomishamanis ta’e ooyiruu qonnaan bultoota irraa argaman hundi gatiin isaanii ol ka’ee jira jedhan.

Sukkaarri, zayitni, midhaan nyaataa, qullubbii diimaa fi gatiin timaatimii dabalee jiraachuun, waantotni qonnaa irraa argaman ga’aatti magaalicha qaqqabaa akka hin jirre himaniiru.

Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa magaalattii keessatti jabaateef uummanni waltajjii adda addaa irratti murna biyya bulchu gaafatanis deebii hin arganne.

Qaamni impaayerattii bulchu gaaffilee rakkoo hawaasaa dhiyaatuuf cinatti dhiisee, daabboo fi muuzii nyaadhaa jechuun kan deebisu yoo ta’u, rakkoon haala kanaan itti fufnaan kufaatiin dinagdee waraana biraa impaayerattii mudatu akka ta’e namootni yaaddoo qaban ni ibsu.

Leave a Reply