ONM-ABO Waxabajji 19, 2023
Murni faashistii PP bu’aa siyaasa isaaf jecha ilmaan Oromootti ilaalcha siyaasaa isaan hin qabne itti maxxansuun reebuu, hidhuu, ajjeesuu, qe’ee irraa godaansisuu fi saamuu tooftaa waraanaa godhachuun hojjechaa jiru jabeessee jira.
Haala kanaanis Roobii darbe Waxabajji 13, 2023 Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shashamannee ganda Alachee Harabaatee irraa sabboonaa Oromoo maqaan isaa obbo Nuuree Waraanaa jedhamu maanguddoo ganna 65 badii tokko malee waraanni fashistii Abiy Ahimed mana hidhaa waajjira poolisii aanaa 2ffaa 81 jedhamu keessatti hidhanii jiru.
Maanguddoon kun badii tokko kan hin qabnee fi kanaan duras sababa tokko malee hidhamaa turuu kan kaasan maddeen, yeroo ammaa buufata poolisii keessatti dhibeen Shukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa rakkisaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.




