• Thu. Nov 26th, 2026

Tikoonni PP Hamaamota cidhaa Arsii bahaa aanaa Sirkaa irraa misirroo fudhachuuf deemaa turan aanaa Zuwaay Dugdaatti qabanii hidhuun dhagaa’ame 

Jun 20, 2023

ONM-ABO Waxabajji 19, 2023

Gochootni ajaayibsiisoo kaadirootnii fi tikootni PP Oromiyaa keessatti raawwachaa jiran jabaatee itti fufuun, uummatni Oromoo bo’ee awwaallachuus ta’e, gammadee heerumsiifachuu akkasumas fuusifachuu dhorkamuun gochi seenaa addunyaa kanaa keessatti saba kam irrattillee raawwatamee hin beekne, Oromoo irratti raawwatamuun uummatichi guyyaa irraa gara guyyaatti salphina hiriyaa hin qabne keessummeessaa jira.

Kaleessa jechuunis Waxabajji 18, 2023 gochi misirroota cidha isaanii gaggeeffachuuf deemaa turan irratti raawwate hacuuccaa hamaa Oromoon har’a keessa jiru kan agarsiisu yoo ta’u, gochichis, hamaamota aanaa Sirkaa irraa ka’uun aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo qaxxaamuruun  ganda Alloo keessaa misirroo fudhachuuf deemaa turan sababa hin beekamneen kaadirootni PP misirroo  fi hamaamota akkasumas konkolaataa guutummaa guutuutti magaalaa Ogolchoo keessatti qabuun waajjira Poolisii aanaa Zuwaay Dugdaatti hidhuun barameera.

Impaayerattii keessatti waggoota torban darban dura tibba uummanni Oromoo fincila diddaa gabrummaa gochaa turetti, loltootni imaayeratti misirroowwan cidha isaanii gaggeeffachaa turan rasaasa itti roobsuun ajjeesuun kan yaadatamu yoo ta’u, taateen kaleessa misirroowwan kanneen irratti raawwates gocha ammaan dura ta’e kan calaqqisiisuu fi jaarsolii biyyaa fi abbootii amantii magaalaa Ogolchoo akka gadhiifamaniif kadhatanis yeroo gabaasni kun qindaa’etti diduun dhagaa’ameera.

Leave a Reply