• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Booranaa Aanaa Norbor keessatti walitti bu’insa Booranaa fi Gaarrii gidduutti shira bilxiginnaan uumeen wal dhibdee dhalateen  lubbuun namoota 7 darbuun beekame 

Jun 21, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2023

Oromoo fi Oromoo akkasumallee Oromoo fi saboota biroo walitti buusuun ajandaa dhibdee impaayerittii fi saboota cunqurfamoo gidduu jiru dhoksuuf kan tattaafatu mootummaan PP, Kibba Oromiyaatti Booranaa fi Gaarrii walitti buusuun hanga ammaatti lubbuun namoota 7 ajjeefamaniiru.

Akka maddeen keenya gabaasanitti Waxabajjii 19, 2023 aanaa Borbor keessatti lolli Booranaa fi Gaarrii gidduutti kan eegalame yoo ta’u, shira bilxiginnaan dalageen guyyaa kana Garrii irraa namni tokko waan du’eef, haaloo baafannaan Gaarriin konkolaataa gara gabaa Borbor deemaa ture irratti dhukaasa banuun namoota 6 battala yoo ajjeesan namni 4 madaa’uunis beekamee jira.

Namoota ajjeefaman keessaa ammatti kan maqaa arganne Liiban Dhibaayyuu
Dubra Abduuba Goollichaa Dabboo (Xummee) Ajooftuu Lookoo Qaallichaa Sooraa Waaqoo ta’uu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Odeeffateera.

Oromoo akka hin kaanetti caccabsuuf tooftaaleen dhimma itti ba’amaa jiran, gosaa fi gandaan akkasumallee amantiin gargar qooduun walirratti kakaasuu, saboota ollaa Oromiyaa jiran Oromiyaa weerarsiisuu fi Oromoota buqqisiisuu, saamsisuu fi ajjeesisuudha.

Oromoon tokkummaa qaawwaa hin qabne horachuun tooftaa fi tarsiimoo diinaa kana fashaleessuu qabaan dhaamsa jiraattota aanichaati.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading