ONM-ABO Waxabajjii 21, 2023
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee keessatti sochiin geejjiba konkolaataa galgala akka hin gaggeeffamneef caasaaleen PP aanichaa uggura kaa’anii jiraachuu oduu keenya waxabajjii 19, 2023 gabaasnee turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, godinichuma keessatti labsiin kun itti fufuun magaalaa Mattuu keessattis hojiirra ooluu kan eegale ta’uu odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.
Oduma kanaanis Waxabajjii 18, 2023 irraa eegaluun magaalaa Mattuu keessatti sochiin konkolaataa bifa Kamiiyyuu galgala sa’a 11:30 booda akka hin gaggeeffamne kaabinootni magaalichaa kan ittisan yoo ta’u, sababa ugguramuu sochii geejjibaa kanaafis jiraattotni bakka hojii isaanii ooluun galgala qe’ee isaaniitti galan danqamaa fi rakkoo guddaaf saaxilamanii jiraachuu dubbatan.
Dhorkaan kun waraana bilisummaa Oromootu magaalicha seenee jira maqaa jedhuun kan kaa’amee jiruu fi ittisaaf akkasumas hordoffiif haala mijeeffachuu yaadaniis akka godhan jiraattotni himuun uggurri kun har’aan guyyaa afuraffaa qabachuun barameera.



