ONM-ABO Waxabajji 26, 2023
Gochi suukanneessaa dhaga’uuf gurri namaa jibbu kun kan uumame Waxabajji 21, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo keessatti.
Dubartiin ulfaa miixuun rakkachaa osoo jirtuu ambulaansiin silaa dubartoota ulfaa tajaajilu qabdu kaabinoota aanichaa fe’uun gara ganda Caffee Jilaatti sakatta’iinsa WBO jechuun yoo deemtu, ambulaansiin biraa ammo boba’aa hin qabnu, jechuun itti gaafatamaan Waajjira Misoomaa fi walta’iinsa dinagdee aanichaa obbo Goobanaa Dafoo qarshii boba’aa bitu ajajuu didanii lubbuu namaa irratti qoosan.
Ambulaansiin isheen kaabinee feetee turte deemtee deebitus konkolaachisaan Buruk Laaqii jedhamu hin fe’u jechuun yeroo didaa turetti lubbuun haadha kana osoo hospitaala hin ga’in miixuu irratti obba’e.
Haati Lubbuun ishee baate kun haadha warraa Abubakar Waadoo Waaree ti.
Oduu kana waliin wal qabatu Waxabajjii 17s achuma naannoo magaalattiitti dubartii ciniinsuun qabee gara buufata fayyaa dhufaa jirtu karaa gubbaatti erga baatee booda ambulaansii isaan bira darbaa jiru yemmuu nuuf dhaabaa jedhanii gaafatan isheen kaabinee feetee waan deemtuuf diddee bira darbite.
Haati miixuun qabe miilaan deemuun yeroo buufata fayyaa geessu, haati haftus daa’imni garaatti miidhamuu jiraattotni dubbachuun, uummanni aanaa Zuwaay Dugdaa caasaa bilxiginnaa maqaa seera kabachiisnaan oliif gadi fiigaa oolaniin tajaajila argachuu dhabuun miidhaa olaanaan irra ga’aa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

