• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti ajjeechaa fi saamichi ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu  jabaachuu jiraattotni himan

Jun 26, 2023

ONM-ABO Waxabajji 26, 2023

Tooftaalee koloneeffattootni impaayera Itoophiyaa wal duraa duubaan aangootti ba’aan, ilmaan Oromoo xiqqeessuu, cabsuu fi ajjeesuy irratti sagantaa bocachuun Oromoo fi Oromiyaa yoo dhabamsiisne malee Itoophiyaan itti fufuu hin dandeessubjecha akkuma turan, bilxginnaan har’as Itoophiyummaa dagaagsuuf kaayyoodhuma isaanii sanaan ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu fi saamuu jabeessee jira.

Haaluma kanaan godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti gochi badii murna abbaa irreen ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa irratti raawwatamu itti fufuun, Waxabajji 25, 2023 waraanni goolessaan bilxginnaa mooraa waraana Cawwaaqaa 2ffaa irraa gara Cawwaaqaa 5ffaatti bobba’uun nama nagaa maqaan isaa  Asiraar Ahimad jedhamu abbaa daa’ima 5 kan ta’e ganama toora sa’a 2:30tti mana jireenyaa isaatii gadi baasuun yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Kana malees namoota afur maqaan isaanii Suleemaan Solomoon, Kadir Mahaammad, Huseen Indiroo fi kan maqaan nu ga’aan qabanii hidhuun barameera.

Aanaa Cawwaaqaa kana keessatti saamichi maallaqaa kaabinootaa fi waraana sirnichaan raawwatamu jabaatee kan jiru yoo ta’u, kana duras sochii baajaajii fi doqdoqqee ugguruun warra daandii irratti argan qabanii waajjira poolisii galchaa kan turanii fi yeroo amma namoonni baajaajii fi doqdoqqeen jalaa qabame maallaqa 20,000 kaffaltan malee isiniif gadii hin dhiisnu jechuun tooftaa uummachuun  maallaqa irraa saamaa jiraachuu jiraattotni rakkoon kun irra ga’e Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply