ONM-ABO Waxabajji 27, 2023
Oromiyaa keessatti lubbuun ilma namaa gatii dhabuun hanga bineensa bosonaa kabaja kan hanqate yoo ta’u, waraana faashistichi Abiy Ahimed uummata nagaatti bobbaaseenis lubbuun ilmaan Oromoo guyyaa irraa gara guyyaatti ajjeefamaa jiran lakkoofsi isaanii dabalaa jira.
Ajjeechaan walitti fufiinsaa waraana murnichaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu itti fufuun godina kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaatti namoonni nagaan 8 ajjeefamanii jiru.
Waxabajjii 23, 2023 halkan Jimaata darbee godina kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa bakka Gibbisoo jedhamutti namoota maqaan isaanii Takiluu Mokonnin,Tsaggaayee Mokonnin, Fissaa Mokonnin, Abbabaa Tasammaa, Kafanii Mul’ataa, Damisuu Takkuu, Abboonaa Dassee fi Habtaamuu Naggasaa jedhaman mana jireenyaa isaanii Maatii biraa qabuun waraanni raayyaa ittisa impaayerattii marartoo tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Namoonni ajjeefaman kun namoota nagaa fi hirmaannaa siyaasaa kamiyyuu hin qabne ta’uu maddeen himuun, Oromoo ta’uu qofti yakka ilmaan Oromoo ittiin ajjeefamaa jiran ta’uus maddeen dabaluun dubbataniiru.


