ONM-ABO Waxabajji 27, 2023
Waraanni murna bilxiginnaa kaayyoo aangoo Abiy Ahimed tursiisuu fi impaayerattii itti fufsiisuuf ijaarame dhiisee, akeekicha mormuun keessaa ganuu fi abdii kutachuun keessatti wal haleeluu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan Dheengadda galgala Waxabajji 25, 2023 waraanni faashistii PP gosa garaagaraan mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa qubsiifamanii jiran wal haleeluun miidhaa gurguddaa wal irraa ga’anii jiru.
Lola Dilbata galgala toora sa’a 3:00tti magaalattii naannoo Diippoo, Adda bababa’ii, Jiniinaa fi ba’iinsa Muggii irratti raayyaa ittisa impaayerattii, Poolisii Federaalaa fi hidhattoota naannichaa gidduutti uumameen waraanni faashistii PP 45 ol du’uu fi 50 ol madaa’uun hospitaala galuu maddeen himanii jiru.
Dhukaasa wal irratti baname kanaanis meeshaalee gurguddaa wal irratti kan fayyadaman yoo ta’u, guyyaa kaleessaa Waxabajjii 26, 2023s dhukaasni waan itti fufee tureef hawaasni mana keessaa gadi ba’uu sodaachuun mana keessa akka turan barameera.
Magaalaan Gambeelaa rakkoo nageenyaa hamtuu keessa galuun dhukaasni gurguddaan yeroo yerootti kan mudatu yoo ta’u, lubbuun lammiilees salphaatti warreen gosaan ijaaramaniin badaa jira.
Magaalattiin tajaajila hawaasummaa kan akka ibsaa argachuu dhabuus kan eegalte yoo ta’u, Sanbata darbe Waxabajji 24 irraa kaasee sirnaan argachaa akka hin jirree fi halkan dhaamaa keessa buluu dabaluun addeessaniiru.


