ONM-ABO Waxabajji 27, 2023
Waraanni faashistii PP sababoota garaagaraa ilmaan Oromootti maxxansuun ajjeesuu itti fufuun bulchiinsa magaalaa Sulultaa keessatti namoota nagaa ajjeesan.
Kolonii impaayera Itoophiyaa keessatti ilmaan Oromoo hacuuccaa gita hin qabne jalatti kufuun ajjeechaa dabalatee yakkoonni sarbamiinsa mirga namoomaa fi gochi suukanneessoo garaagaraa irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Sulultaa keessatti dargaggoota lama qabuun badii tokko malee waraanni shororkeessaan bilxginnaa ajjeesee jira.
Dilbata darbe Waxabajji 25, 2023 bulchiinsa magaalaa Sulultaa keessatti dargaggoota maqaan isaanii Lammeessaa Moosisaa fi Haayiluu Maaruu jedhaman qabuun gara dhaabbata Abaaboo Darbaa geessanii sa’a muraasa eega tursiisaniin booda gara ganda Leelloo Cabaqaa Eekkoo geessuun ajjeesanii walirraa fageessanii bakkee keessatti gatuu jiraattotni ijaan argan himan.
Dargaggootni kun lamaan haadholii Oromoo afur kan maqaan isaanii nu hin qaqqabne waliin qabamuu jiraattotni dabaluun dubbataniiru.




