• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keessatti dargaggoota 5n ajjeesan

Jun 28, 2023

ONM-ABO Waxabajji 28, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo rasaasaan ajjeesee, qabeenya saamee fi hidhaan qorqalbii cabsee jiilchuun siyaasa impaayerattiif akka jilbeenfatan gochuuf ajjeechaa tooftaa taasifatee raawwachaa jira.

Akka kanaanis Waxabajji 25, 2023 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keessatti dargaggoota 5n tiksitootni barcuma Abiy Ahimed rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Dargaggootni ajjeefaman kunis;
1.Warquu Taayyee
2. Gammee Maammoo
3. Nagaroo Jabeessaa
4.  Fayyisaa Tashoomaa fi
5. Eliyaas Tashoomaa kanneen jedhaman yoo ta’u, Eliyaas Tashoomaa fi Fayyisaa Tashoomaa kanneen jedhaman obbolaa lameen maatiin tokko keessaa lubbuun darbite ta’uun barameera.

Sanyii duguuggaan waraanni faashistii kun raawwatu Oromiyaa bakka marattuu itti fufuun yeroo dhiyoo kaasee magaalota naannawaa Finfinnee keessatti jabaatee akka jiru odeessi argamaa jiru ni mul’isa.

Leave a Reply