ONM-ABO Adoolessa 7, 2023
Murni dheebuu aangoo hin baane bilxiginnaan waggoottan shanan kana jireenya uummata gama hundaan jijjiiruuf hojjechuu irra tooftaa ittiin humna sodaatamaa ta’een jiraadha jedhu, hidhaa fi ajjeechaa baafachuun uummata Oromoo xiqqaa hanga guddaatti itti adabaa jira.
Akka kanaanis Dilbata darbe Adoolessa 2, 2023 godina Arsii bahaa Zuwaay Dugdaa ganda Hulaa Arbaa keessatti mana qonnaan bulaa obbo Awwaash Gannaa jedhamu gubuun qonnaan bultoota biroo 2 maqaan isaanii Abdallaa Adam Abbittii fi Kadir Galaasoo Loloo jedhaman badii isaanii malee qabanii deeman.
Qonnaan bultootni 2 qabamanii hidhaman kun badii dalagaanii osoo hin taane, Oromummaan yakkamuun qe’ee isaanii irraa afaan qawween fuudhamuun waajjira poolisii aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchootti argamu keessatti hidhamanii dararamaa jiru.
Waraanni faashistii PP kun aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti tajaajila hawaasummaa cufa dhuunfatee waraana isaanii qofa itti tajaajila jiraachuu fi uummatni humnoota kanaan dararamaa kan jiran yoo ta’u, konkolaataan ambulaansiis taajila dubartoota ulfaaf kennitu dhaabuun waraana deddeebisuitti dubartootni ulfaa fi daa’imman reef dhalatan du’aa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

