ONM-ABO Adoolessa 7, 2023
Mootummaan naannoo Gambeelaa magaalaan Gambeelaa galgala galgala dhukaasa magaalattii keessatti taasifamuun raafamaa kan bultuu fi hawaasni magaalattii salphaatti guyyaa guyyaan lubbuu isaa kan keessatti dhaban taatee jirti.
Haala kanaanis dhukaasa Kibxata darbe Adoolessa 4, 2023 halkan sa’a 6:00 hanga lafa bariitti mooraa raayyaa ittisa impaayerattii naannoo Dombooskoo daandii Itaang geessu irra jiru keessatti taasifamaa tureen miidhaan jabaan qaqqabee jira.
Akka odeessi hospitaala Gambeelaa irraa ba’e addeessutti dhukaasa halkan sana taasifameen loltootni bilxiginnaa 16 ajjeefamuu fi 20 ol madaa’anii akka jiran barameera.
Sababni dhukaasa kanaa beekamuu baatus, namootni miseensota poolisii humna addaa badanii jirantu halkan halkan dhufee tarkaanfii fudhachaa akka jiranis tilmaama isaanii kan kennanis turaniiru.
Akka jiraattotni naannoo Dombooskoo jedhanitti ammoo wal dhabdee miseensotuma waraana faashistii PP gidduutti uumamuun halkan halkan dhukaasni ta’uun wal irraa ajjeesuun kan baratamee ta’us kan Kibxata darbe meeshaalee gurguddaan akka dhukaa’aa ture himan.
Waraanni faashistii PP kun Waxabajjii 25, 2023 galgalas magaalaa Gambeelaa bakkoota hedduutti walitti dhukaasaa buluun miidhaa guddaa wal irraan ga’uu gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

