ONM-ABO Adoolessa 7, 2023
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Gajaa Gajee naannoo Taabooraa Yuuyyaa keessatti waraanni faashistii PP Kibxata darbe Adoolessa 4, 2023 ganama obbo Alqaadii Haajii Raggaasaa qabanii hidhuun qabeenya isaanii qotiyyoo tokko jala fuudhanii deemuun mooraa geessanii qalatan.
Gareen maafi’aa PP kun saamichaan alattis hidhaa fi ajjeechaa aanicha keessatti geggeessaa jira.
Baatii darbe Waxabajjii 23/2023 nama maqaan isaa Siraaj Muusaa jedhamu aanuma Qondaalaa ganda Macabaraatii qabanii magaalaa Qondaalaatti nama maqaan isaa hin beekamne tokko waliin karaa irratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa kaasisuu dhorkan.
Aanichuma ganda Hoophaa jedhamutti ammoo namoota maqaan isaanii obbo Huseen Dhinaa fi dargaggoo 2 maqaan isaanii Muhee Iisaa jedhamu raayyaa ittisa impaayerattii nu biraa ganaa jiraniif haala mijeessitu jechuun gocha isaanii malee qabanii mana hidhaa aanichaatti dararaa jiru.
Aanaa Qondaalaa kana keessatti dararaan waraana faashistii PPn raawwatu hammachuun jiraattota irraa qoricha kutanii hawaasni weerara dhukkuba busaa fi koleeraan du’aa turuu gabaasnee turre.

