ONM-ABO Adoolessa 8, 2023
Murni aangoo siyaasa impaayerattii of harkaa qabu bilxiginnaan dargaggoota Oromoo dhimmi impaayerattii isaan hin ilaallanne dirqiin maatii isaanii biraa qabee leenjii waraanummaa kennuufiin bobbaasus, gochi bilxiginnaan raawwachaa jiru kan saba isaanii fayyadu osoo hin taane kan miidhaa jiru ta’uu hubachuun mooraa Abiy Ahimed keessaa ganuun Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiru.
Akka kanaanis kaleessa Adoolessa 7, 2023 ganama miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta’an 5 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin godina Gujii lixaa aanaa Abbayyaa irraa gooticha WBOtti makamaniiru.
Miseensotni waraana bilxiginnaa duraanii kun qawwee AKM Turkii 2, dachaatuu 3, rasaasa 750, boombii 2 fi hidhannoo 5 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galii taasisanii jiru.
Waraana Bilisummaa Oromoo bira erga ga’anis simannaa oo’aa WBO’n taasiseefitti gammaduun, ilmaan Oromoo mooraa bilxiginnaa keessatti hafan mooraa sana keessaa ba’uun akka gara Waraana Bilisummaa Oromoo dhufan dhaamsa dabarsanii jiru.


