• Wed. Nov 25th, 2026

Biqilaan siyaasaa fi gargaarsa ittiin tolfachuuf Abiy Ahimed dhaabsisu har’a eegale 

Jul 10, 2023

ONM-ABO Adoolessa 10, 2023

Waltajjii mootummootni addunyaa Paaris irratti walga’an irratti biqilaa biliyoona shantaman dhaaba kanaaf ammoo doolaara biliyoona shantama na barbaachisa jechuun nama isa jalaa dhaga’u kan dhabe Abiy Ahimed, dheengadda Adoolessa 8, 2023 ibsa baaseen guyyaa tokkotti biqilaa miliyoona 500 nan dhaaba jechuun addunyaa kofalchiisaa jira.

Ibsa dheengadda baase kanaan waggoottan shanan darban kana keessatti biqilaa biliyoona 25 akka dhaabee fi bara kanas biqilaa biliyoona 6.5 akka dhaabu yoo ibsu, ibsa isaa keessatti eessatu dhaabamaa, lafa kamtu nagaa qabaa, biqilaan kun eessatti qophaa’ee fi humni guyyaa tokkotti dhaabu kun bakka nagaa qabu kam irraa argamaa jedhee, ibsa laate hin qabu.

Inumaayyuu guyyaa tokkotti biqilaa miliyoona 350 dhaabsisee akka beeku kan ibsanii fi kanaanis galmee addunyaa irratti akka galmaa’ee fi marsaa kana sana fooyyessuuf akka hojjetan kaasee jira.

Haa ta’u malee seenaa galmee addunyaa irra dhimma biqilaa baay’ee guyyaa tokkotti dhaabuu Abiy Ahimed yookiin Itoophiyaa kan barraa’e hin jiru.

Dhimma kana qorachuun miidiyaan adda addaa sobsiisaa kan jiran yoo ta’u, biqilaa dhaabbii guyyaa har’aa Adoolessa 10, 2023 biliyoona walakkaa dhaabna jedhan kanaaf laftii fi biqilaan hangi sanaa qophaa’e akka hin jirre ni beekama.

Oromiyaa keessatti lixa, kibba, giddu galeessaa fi kibba bahaa keessatti magaalota aanaa fi godinaa malee lafti bilxiginnaan of harkaa qabu eessa? Magaalaan ammoo bakka biqilaa dhaabsisu eessaa fuudhe? Amaara keessatti nagaan jiraa? Waan jedhu kan of gaafatu lakkoofsi Abiy himu dogoggoraa, siyaasaa fi maallaqa argachuuf hojii hojjetamu akka ta’e hubachuun nama hin dhibu.

Murni faashistii PP ganni yeroo ga’u diraamaa biqilaa dhaabuu hojjetu, bosona lixa Oromiyaa, giddu galeessa irraa Jibaatii fi Liiban Cuqqaalaa, Cilaaloo, Ciroo fi Gujii Lixaa irraa gubee turuun kan yaadatamuu dha.

Leave a Reply