ONM-ABO Adoolessa 10, 2023
Dhaabni dhaabbii dhabe bilxiginnaan akka waan siyaasa haaraan of ijaaretti afaanfajjii uumus, dantaa uummataa kabajuu dadhabuun uummanni gocha isaanii irraa sirnicha balfaa jira.
Murni faashistii saamichaaf of ijaaran kun uummataaf hamoo ta’uu ifatti kan agarsiisaa jiran yoo ta’u, qonna wabii miliyoona ta’e dadhabsiisuuf bakkeewwan garaagaraatti xaa’oo uummata dhorkachaa fi gurgurachaa jiraachuun barameera.
Kaabinoonni aangoo da’oo godhachuun xaa’oo maqaa uummataan dhufu gurgurachuu kan itti fufan yoo ta’u, godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo keessatti dura bu’uummaan kaabinee maqaan isaa Amanaa Galatoo jedhamu xaa’oo baay’inni isaa ardaba 30 ta’u dhuunfaa isaan ganda Amsaagaashaatti Adoolessa 4, 2023 gurguraachaa turuu maddeen himan.
Jiraatoota ganda tokkoof xaa’oo wal hin geenye baay’inni isaa ardaba 200 qofa kan fidan yeroo ta’u, inumaayyuu dhoksaan baasanii gurguratu.
Aanaa Xiyyoo keessaa gandootni tasuma xaa’oon hin qoodamneef Kaatar Qotee Bulaa, Aboosaraa Halkoo fi Murtichaa Qobboo akka ta’e ifoomera.
Kaabinoonni bilxiginnaa aanaa Xiyyoo bulchiinsa aanaa irraa hanga caasaalee nageenyaatti uummata saamuu irratti bobbaa’anii kan jiranii fi uummatni xaa’oo dhabuun lafa osoo hin facaasin baasaa akkasumas xaa’oo malee akka fedhe haa ta’uu facaasaa akka jiru ibsameera.
Aanicha keessatti uummatni xaa’oo dhabuun rakkoo midhaan nyaataa bara dhufu isaan mudatuuf yaaddoo hamaa keessa osoo jiranii, caasaan nageenyaa murna bilxiginnaa dirqiin ba’aatii naannoo keessan eegaa jechuun ganda jireenya isaaniitti halkan qorraan dararaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

