• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni faashistii PP bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa namoota hedduu ukkaamsuun waajjira poolisiitti guuraa turuun barame 

Jul 10, 2023

ONM-ABO Adoolessa 10, 2023

Dheengadda Adoolessa 8, 2023 waaree booda bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo adamsanii qabuun jumlaan mana hidhaatti guuraa turan.

Kutaa magaalaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu cufa irraa jumlaan dargaggoota ukkaamsanii waajjira poolisii aanaa sadaffaatti kan guuraa turan yoo ta’u, sa’a muraasa qofatti  Kattaa irraa hanga Keellaatti ilmaan Oromoo 300 ol qabanii jiru.

Dargaggootni qabaman irra jireessaan naannoo Maaramii irraa yoo ta’u, warreen qabaman kana kophee irraa baasuun waajjira poolisiitti ol galchanii jiru.

Maatiin, hiriyootni fi firoottan dargaggoota Oromummaan yakkamuun qabamanii kun carraan isaanii maal akka ta’e tilmaamuun yaaddoo keessa galanii akka jiran maddeen magaalaa Buraayyuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply