• Tue. Nov 24th, 2026

Ilmaan Oromoo golee Oromiyaa irraa walitti guuramuun bulchiinsa magaalaa Galaan keessatti hidhamanii jiran dararaa guddoon irra ga’aa jiraachuun himame

Jul 11, 2023

ONM-ABO Adoolessa 11, 2023

Ilmaan Oromoo hojii barbaaddataaf magaalota Oromiyaa gara garaa keessa jiraatan Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa kennitu jechuun shakkiin qabanii dararaa gurguddoo erga irraan ga’anii booda gara magaalaa Galaan geessuun dararaa hamtuu irratti raawwatu.

Godina addaa naannawaa Finfinnee magaalaa Galaan waajjira Poolisii magaalichaa keessatti ugguramanii kan jiran qeerroowwan Oromoo baay’inaan 50 ol ta’an kun walakkaan isaanii achuma istadiyeemii naannoo Siidaa Awaash keessatti hidhamanii jiru.

Istaadiyeemii sana keessa waraanatu mooraa godhachuun  buufatee kan jiru yoo ta’u, qeerrowwan kunneen achitti dararamaa jiru.

Isaan keessaa ammatti kan maqaa isaanii arganne:

Abbushee Asaffaa
Tulluu Rafeeraa
Habtamuu
Baqqalaa Dhaabaa
Darajjee
Bokee Guddisaa
Gaashahuun Dhaabaa
Hayilee kanneen  jedhaman yoo ta’an hedduu isaanii garuu ammatti maqaa isaanii argachuu hin dandeenye.

Dargaggoota istaadiyeemii sana keessatti hidhanii jiran akka malee dararaa kan jiran yoo ta’u, qeensa miilaa irraa buqqisanii fixuufi harka duubatti hidhanii muka kubbaa miilaatti fannisanii aduu keessa oolchaa jiraachuu maddi keenya shakkiin qabamee yeroo dheeraaf achitti hidhamaa turee ba’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Leave a Reply