• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Darraa fi Yaayyaa Gullallee keessatti saamichi waraana faashistii PP’n geggeeffamu hammaate

Jul 12, 2023

ONM-ABO Adoolessa 12, 2023

Gareen saamichaaf of qindeesse bilxiginnaan waraana isaa fi caasaa hannaaf qindeessee bobbaaseen uummata saamaa jira.

Yeroo itti uummatni dinagdee dhabuun harka qalleessummaa fi qaala’iinsa jireenyaan waxalamaa jirutti hawaasatti maallaqa isaan kafaluu hin dandeenye godina Kaaba Shaggar aanaa Darraa fi Yaayyaa Gullallee keessatti maqaa ijaarsa, misoomaa fi nyaata milishaa jedhuun kan saamaa jiran yoo ta’u warreen kana hin qabnu  jedhan irratti reebicha geggeessu.

Kana malees murni faashistii kun namoota qawwee hidhachiisuun ijaaree gadhiiseen hawaasni butamee maallaqa kafalchiifamaa akka jiran illee barameera.

Yeroon kun yeroo qonnaan bultootni xaa’oo dhabanii qonnaaf rakkachaa jiran akkasumas gabaa irraa gatii qaaliin bitachuuf maallaqa dhaban yoo ta’u, waraanni dararaa uummata Oromoo irraan ga’uuf bobbaafame jireenya qonnaan bulaa jeeqamee jiru ittumaa maallaqa isaan hin qabne karaa malee gaafatanii dirqiin irraa fudhachaa jiraachuu jiraattotni miira aariin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply