• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Matakkal aanaa Dibaax keessatti uummata buqqaasuun saamicha geggeessan

Jul 15, 2023

ONM-ABO Adoolessa 15, 2023

Waraanni faashistii PP duula lolaa uummata Oromoo irratti geggeessee lubbuu baay’ee hambisaa, saamaa fi godaansisaa uummata nagaan dhowwachuun lafa abidda itti taasisanii jiru.

Godina Matakkal aanaa Dibaax magaalaa Qorqaa keessatti Kibxata darbe Adoolessa 11, 2023 waraanni garee maafi’aa PP isintu Waraana Bilisummaa Oromoo fidee nu rukuchiise jechuun uummata irratti dhukaasuun magaalaa keessaa erga ari’anii saamicha geggeessan.

Magaalattii keessatti namootni baqachuu hin dandeenye qofti kan hafan yoo ta’u, tiksitootni barcuma Abiy Ahimed manneen uummataa fi dukkana caccabsuun qabeenyaa fi maallaqa fudhatan.

Akka odeessi aanaa Dibaax magaalaa Qorqaa irraa nu qaqqabe addeessutti magaalattii keessaa qarshii 350,000 ol akka saamamee fi qabeenyi miliyoona tokkotti tilmaamu barbadaa’eera.

Kana malees horii namootni gadhiisanii baqatan ooyiruutti oofuun miidhaan hektaara 10 ol mancaasisuun barameera.

Namoota qe’ee isaanii irraa gadaansisan kanas guyyaa lama booda Kamisa darbe waltajjii waamuun akka qe’eetti deebi’aniif jaarsolii fi abbootii amantii hin baqanne mariisisanis uummatni magaalattii guutuutti hin deebine.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti nagaan amansiisaan magaala Qorqaa kana  keessatti akka hin buunee fi murni bilxiginnaa waraana dabalataa itti fe’aa jiraachuun barameera.

Abiy Ahimed rakkoo Sudaan furra jechuun waltajjii Itoophiyaa keessatti qindeesseen milkaa’uu dhabus akka taa’ee daawwatuuf Gibxitti waamamus impaayera inni geggeessu keessatti garuu rakkoon nageenyaa furmaata argachuu dhabuun lubbuun namootaa fi qabeenyi barbadaa’aa oola.

Leave a Reply