ONM-ABO Adoolessa 17, 2023
Murni bilxiginnaa uummata Oromoo kallattii adda addaan qabeenya saamuu fi yakka ittiin uummaticha adaban baafatee hojjetu jabeesse itti fufuun godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti uummata dararaa jira.
Haala kanaanis caasaan murna bilxiginnaa hattoota ijaaree bobbaasuun uummata magaalaa Naqamtee irraa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon maallaqa humnaa olii qarshii 50,000 fi isaa ol doorsisanii fudhachaa jiraachuu namootni rakkoon kun irra ga’e dubbataniiru.
Magaalaa Naqamtee keessatti maqaa WBOn doorsisanii maallaqa funaannachuun kan baratame yoo ta’u, caasaan bilxiginnaa hattoota kana waliin maallaqa nyaachaa, namoota sodaa lubbuuf kafalan siyaasaan yakkaa fi jireenya hawaasaa gooluu bu’aa taasifatee hojjechaa akka jiru barameera.
Magaalicha keessatti caasaan murni bilxiginnaa bobbaase kun saamichaa fi doorsisa geggeessaniin cinaatti sabboontota basaasuu fi halkan halkan eeganii reebichaan miidhaa qaamaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.





